Badhoo Dachaasaa (1943-1978)

1.Baraaf Bakka Dhalootaa

    Bara 1943tti abbaasaa Dachaasaa Guddataa fi haadhasaa Maammitee Waakkennerraa, naannoo Gulallee Buraayyuu, Gafarsaa Buraayu Dirree Sololiyaatti dhalate.

    2.Barnoota

      Barnoota sadarkaa lammaffaa Magaalaa Finfinnee, Madihaane’aalamiitti, naannoo Gullallee barate. Badhoon barataa naamusaa fi cimina qabu ture.
      Yuunvarsiitii Finfinnee seenee digirii jalqabaa barnoota seenaa hordofe. Duula guddina gamtaa Dargiin labsameen godina Iluu Abbaa Booraa ergamee barsiisera.

      3. Imala Qabsoo Akkamitti Jalqabe!

        Badhoon yeroo barnoota irra ture jalqabee hubannaa siyaasaa cimaa qaba ture; cunqursaa bara Dargii uummata Oromoo irra jiru sirritti hubatee barattoota Oromoo daddamqsuu jalqabe! …imala qabsoo jalqabe!

        4. Maaliin Yaadatama?

          Badhoon yeroo jalqabaaf Oromiyaarraa qabsoo hidhannoo bilisummaa Jaarraa Abbaa Gadaa, Baaroo Tumsaa fi Leencoo Lataafaan geggeeffamaa turetti nama makame.
          Bara barnootarra turetti, hiriyoota isaa waliin gumii dargaggoota Gullallee; kan aadaa, siyaasaa fi gabbina afaaniirratti hojjetu hundeessera.
          Badhoon “Oromookoo” yoo jedhu malee, “mana koo” yoo jedhu dhaga’amee hin beeku. Fuudhee ilmaan horachuun isaas dhaga’amee hin beeku. Isaaf jireenyi qabsoo bilisummaa Oromoo ture.
          Jiddugala Oromiyaatti qabsoo bilisummaa Oromootti nama makame kan jalqabaa yoo ta’u, dandeettii barreessuu qabuun bosona wayita turetti barruu “Sagalee Bosonaa” qopheessaa ture. Barruun kun loltoota qabsoo bilisummaa keessatti dadammaqiinsa fi humna siyaasaa cimsuudha.
          Walumaagalatti, waraana bilisummaa Oromoo ta’uu biratti, dandeetti barreessuu qabuu fi ogbarruu Oromoo guddisuu keessatti ashaaraa isaa nama ka’aa ta’eera!

          5. Akkaataa Wareegamaa

            Akkaata wareegama Badhoo irratti kitaabota seenaa baay’een homaa hin dubbatan. Garuu akka Obbo Abbaa Lataa Caalaa barreessanitti, du’i Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa guyyaa tokko akkasumas boolla tokkotti akka awwaala,antu himama!  Badhoon mooraa waraanaa erga seenee boodaa sammun akka dhukkuba turetu himama1 dhukkuba sammuu irraa kan ka’es Baaroo Tumsaatti rasaasan rukutee ofiis ofitti dhukaasee lamaan isaaniyyuu guyyaa tokko akka du’an Obbo Abbaa Caalaa Lata kitaaba isaanii keessatti dubbataniiru
            Obbo Dheeressaan kitaaba seenaa jireenyaasaanii keessatti kitaaba Obbo Abbaa Caalaa Lataa barreessan “Jireenyafi Qabsoo ABO” jedhu waabeffachuun akka barreessanitti Baaroo Tumsaafi Badhoo Dachaasaa Ebla 29, 1978tti du’anii bakka Maayyaa Qalloo jedhamutti boolla tokkotti awwaalaman!

            Madda (refferances)    ;seenaa Gootota Orommo fi Kaan ( shallamaa Kabbeen Kann barreffame)

            Kitaaba  Obbo Abbaa Caalaa Lataa barreessan “Jireenyafi Qabsoo ABO”

            bbc afaan oromoos seenaa kana bal’inaan barreessaniiru!

            CATEGORIES:

            Seenaa Goototaa

            One response

            Leave a Reply to jorgoo Cancel reply

            Your email address will not be published. Required fields are marked *

            Latest Comments