Xannaa Wayyeessaa Oljirraa (1969-1988 A.L.I)

       1. Baraaf Bakka Dhalootaa

Xannaan bara 1969 A.L.I. Abbaasaa Obbo Wayyeessaa Oljirraa fi Haadhasaa Aadde Ilfiny Gaja’aa Galaan irraa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu jedhamtutti dhalate!


        2. Barnoota

Umuriin isaas barnootaf gaafa ga’utti barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa bakka dhaloota isaa Abaaboo Guduruutti jalqabe. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa xumurruf yeroo jedhutti , cunqursaaf gidiraan uummata Oromoo irra jiru gaafa daran ulfaatuu barnootasaa addaan kutee bosona seenee waraanaa bilisummaa Oromoo ta’uuf dirqame.  “Barnoonni bilissummaa booda” waan jedhe fakkaata! Xannaan leenjii wayyaanee qabsaa’oota Oromoo walitti qabuun Dhidheessatti leenjii “Taaddisoo” jedhamu erga laatteefin booda magaalaa Finfinnee deemuun barnoota isaa sadarkaa lammaffaa jalqabee barachaa tureera.


          3. Imala Qabsoo Akkamitti Jalqabe!

Xannaan hortee gootaa dachee Abishee Garbaa keessa kan biqilee yeroo ta’u; maatiinni irra dhalatees gootummaan biyyaa kana kabajiisuuf ijaaruu keessatti qooda fudhachaa turaniiru. Akaakayyuun Xannaa Obbo Oljiraan lola Aduwaa deemanii achitti wareegamaniiru. Angafi Xannaa, Rattaa Wayyeessas, umurii isaa ganna 16tti leenjii waraanaa fudhachuun waraana bilisummaa Oromoo ta’ee qabsa’aa ture. Xannaan maatii fi qe’ee gootaarra kan dhalate sabboonummaaf eenyummaasaaf qabsaa’uus ijoolumaatti maatii fi naannoo isa irraa kan barate; waggaa 14tti leenjii waraanaa fudhachun barnoota addaan kutee qabsoof laga seenee!


            4. Xannaa fi Qabsoo Isaa

Xannaan umurii isaa 14tti barnoota isaa addaan kute erga leenjii waraanaa fudhatee waraanaa bilisummaa Oromo ta’ee takka qabsaa’een booda, Wayyaaneef ABOn walii galtee araaraa (chaartera) uumuuf sochii yeroo jalqabanitti loltoonni hundumtuu mooraa itti dhi’oo jiru akka galan labsiin ba’e. Loltoonni ABO mooraa waraanaa isaanitti dhi’oo jiru seenuuf dirqaman. Yeroo kana Xannaan mooraa Horroo seene. Rattaan Wayyeessas obboleessi isaa yeroo kana qabsoo irra kan ture innimmo mooraa Dambii Doolloo jiru akka seene hima. Walumaagalatti, Xannaafan walii galteef mooraa seenanis, dhimmi waliigalte (chaartera) sun waan hin milkoofneef ammas loltoonni baay’een mooraa jiran keessaa ba’uun laga seenuun qabsoo itti fufan.

Xannaanis mooraa turtii keessaa ba’uun ammas qabsootti deebi’uun lola jalqabe. Yeroo kana Wayyaaneen humna caaluun warra kaan ajjeesuun warra kaan boojite! Kana booda namoota 12,000 ol erga qabaman booda mooraa Dhidheessaa geessuun leenjii “Taaddisoo” jedhamu erga fudhatanii booda gad lakkifaman! Xannaanis namoota kana keessa tokko ture. Akkasumas Ilfinesh Qannoofaa dabalatee namooti Oromoo jajjaboo baay’ee qabsoo irra qabamani leenjii “Taaddisoo” sana akka fudhatantu himama. Rattaa fi Xannaanis leenjii Taaddisoo kanaaf Dhidheessatti akka wal argan Rattaan ni hima. Leenjii sana booda Hawaasatti dabalamanii akka jiraataniif yeroo heyyama argatanitti Xannaanis carraa kanaan magaalaa Finfinnee deebi’ee barnootasaa itti fufe.


            5. Akkaataa Wareegamaa

Xannaan magaalaa Finfinnee dhufe barnoota isaa irratti xiyyeefate. Bara sana qabsaa’oonni fi Artistoonni Oromoo jiran walitti dhufeenya gaarii qabu turan; waliin nyaatu, walumaan dhuguu, gabaabaatti walumaan jiraatu! Xannaan galgala abaaramtuu tokko, Artist fi qabsaa’aa Oromoo Eebbisaa Addunyaa bira buluuf mana Eebbisaan kireefate jiraatu deeme. Xannaa fi Eebbisaan isaan dura waliin bulan beeku baatanis lamaan isaaniyyuu qabsa’oota waan ta’aniif baay’ee wal jaallatu! Galgala sanas waa’ee qabsoof jireenya uummata Oromoo irratti mar’iachaa erga turaniin booda dhadhabanii rafan! Eebbisaa fi Xannaa Wayyeessaa hiriyaan Eebbisaa galgala waa’ee qabsoo Oromoo fi aartii mari’achaa waan turaniif barraaqa kana hirriiba cimaa keessa jiru. Nagaan rafanis garuu nagaan isaaniif hin bar’iine. Guyyaansaa Hagayya 24,1988 gara bariiti.

Ganama barii humni tika Wayyaanee dhufanii mana Eebbisaa kireefatanii jiraatuu marsanii rurrukutan; isaaniis eenyuu jedhanii yeroo dammaqan humnoonni tika Wayyaanee sagalee jijjirachuun nama hojiif isaan barbaadan fakkeessanii itti haasa’an. Yeroo kana Eebbisaafaani isaanitti gad ba’an. Loltoonni Wayyaanee mana marsanii jiran rasaasa itti lakkaa’an. Hiriyaa Eebbisaa Xannaa Wayyeessaas galaana rasaasaan liqimsan. Kana booda Eebbisaa konkolaataa Land-rooverii (kan mootummaan) taate, lakkoofsa gabatee irraa baasanii itti fe’an. Namoota naannawa sanaa kan sagalee qawwee dhagahanii gadi bahan hundi karaarraa akka sokkanii fi manaatti ol deebi’an taasisan. Ergasii booda loltootni Wayyaanee kun konkolaataan lafarra harkisanii, naannoo biraa geessanii erga ajjeesanii booda achumatti gatanii biraa deeman.
Gootonni jajjaboon lama guyyaa tokko irra bifa sukaneessaaf gara jabinaa Wayyaaneen haala kanaan wareegaman!


       Madda (Refferance): Rattaa Wayyeessaa, obboleessa Xannaa irraa.

CATEGORIES:

Seenaa Goototaa

Tags:

No responses yet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Latest Comments