Ayyaluu Ittisaa(1962-2007)

Baraaf Bakka dhalootaa!

Shamarree Ayyaluu Ittisaa abbaa ishee Ittisaa Deebisaa Jiraataa fi harmee ishee Jaal’ee Lataa Toleeraa irraa bara 1962 tti godina Shawaa  lixaa aanaa Calliyaa ganda qotee bulaa Tulluu Kosorruu jedhamutti dhalatte,

Barnoota

Akkuma umriin ishii bamootaaf gaheen mana barumsaa , sadarkaa lffaa M/fulluu Maraa, • sadarkaa jidduu galaa magaalaa Geedoo M/Caacaa, sadarkaa 2ffaa Amboo fi magaalaa Finfinnee mana barumsaa Kokoba Tsabaa jedhamutti barattee xumurte.

Seenaa Ayyaluu Gabaabatti…

Bara 1985 kaastee hanga lubbuun ishii darbuutti, sabboonummaan aadaa fi eenyummaa Oromoo kutannoo cimaadhaan guddisuu keessatti gahee olaanaa gumaachaa turte. Ayyaluun barreessituu Maccaa fi Tuulamaa dandeettii addaa qabduu f  gootittii onnee sibiilati.

Ayyaluun, bara 1996-1999 keessatti, hooggantootni Maccaa fi Tuulamaa fi barattoota Oromoo hidhaman waliin hidhaa keessa turte. Yeroo kanatti, durbee Ayyaluun hin jilbeeffanne, “Ni injifannaa jabaadhaa,” jechuun, dararaa fi hidhaa sana irraa abdiin hin kutanne. Hojii qabsoo Oromoo keessatti, Ayyaluun miseensa guutuu ta’uun, koree adda addaa irratti itti gaafatamummaa fi miseensummaan socho’aa turte.

Bara 1999, hidhaawwan waggaa sadii booda bilisaan hiikamuun, Ayyaluun gara Finfinnee deebi’uun hojii qabsoo itti fufte. Ijaarsa aadaa fi seenaa guddisuu irratti, hojiin ishii jabaa fi qindaa’aa ta’ee jira. Ayyaluun, haala hamaa keessa hidhamte, jaalalli ishee ilmaan Oromootiif qabdu daangaa hin qabu turte.

Hojii mootummaas hojjechaa kan turtee ABO faana hidhata qabda jechuun hojii mootummaa kamuu hojjechuu akka hin dandeenyettii hojii irra ari’atamtee turte! Hanga lafa kana irra turtetti hojii human tokko tokkoof maatii ishee irratti hirkattee jiraatta turte!

Jireenyi ykn Gaa’eelli bilissummaa booda jechuun osoo bultiin hin ijjaaratin lafa kana irraa akka dabarte seenaanshe dhugaa ba’a!

Shamarree Ayyaluun, qabsoo Oromoo fi Amantii Waaqeeffannaa jabeessuuf gumaacha olaanaa goote!  amantaa fi mul’ata bilisummaa eeguudhaan, ilmaan Oromoo biratti jaalatamtu taate. Dhuma irratti, Ebla 4, 2007 Finfinneetti dhukkubsattee lubbuu ishee darbite.( namoonni tokko tokko Ayyaluu itti dhi’eenyaan beekan summii nyaachisanii ajeessan kan jedhan jiru) Sirni awwaalcha ishii, Ebla 6 bara 2007, bakka firoottan fi jaalan ishii argamanitti raawwatame.

Madda: Kitaaba Qabsaa’ootaa fi Wareegamaa Kutaa 1ffaa!

CATEGORIES:

Seenaa Goototaa

No responses yet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Latest Comments