Dachee goototaa fi hayyootan badhaafamte Lixa Oromiyaa, Finca’atti dhalate! Barnoota isaa hanga kutaa afuritti achuma bakka dhaloota isaa kanatti erga barateen booda, kutaa 4 jalqabee hanga yuuniversiitii tti immoo magaalaa Finfinnee deemuun achitti akka baratee hima. Fira’ol barnoota qofa osoo hin taanee, osoo baratu, barnoota isaa biratti, yaadoota daldalaa tokko tokko maddisiisuun gara hojii daldalaattis guddachaa dhufe! Keessumattuu ammoo abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaa faana hariiroo gaarii uumuun, karoora hojii (proposal) qopheessuun haala mijataa hojiif ta’uu uumuun isaan faana hojjechuu jalqabe.
Abbootii qabeenya biyya alaa jiran faanas hariiroo uumuun, karoora hojii qopheessuun akka isaan dhufanii Itoophiyaa keessatti warshaalee fi industirii garaagaraa dhaaban taasisuun, biyyasaafis ofiisaatiifis carraa hojii bal’aa uumuu jalqabem! ! Fira’ol bifa kanaan addunyaa daldalaa keessaa erga seene booda Ofii isaati nama sammuun cimaa, yaadota daldalaa baay’ee maddisiisu waan ta’eef, osoo hin turiin milkaa’uu jalqabe! Yeroo gabaaba keessattis Qabeenyaa miliyoonotaan lakkaa’amu horateem! ! Konkolaataawwan hojii baay’inaan bituun, hojiiwwan daldalaa garaagaraa keessatti hirmaachuun maddoota galii isaa daran dabalem ! Umurii dargaggummaattiis qabeenya baay’ee horachuun abbaa qabeenya ta’uu danda’e!
Abbootii qabeenya biro irraa kan adda isa taasisu ammoo , hiyyeessotaaf baay’ee gara laafuusaatim! Ijoollee abbaa fi haadha hin qabne, kan daandii irratti jiraatanii sabaan osoo addaan hin qoodin iddoo tokkootti walitti qabuun isaan barsiisa, isaan jiraachisa ture. Hiyyeessota baay’eef abbaa fi haadha ta’ee jiraachisa kan ture, akkasumas namoota dandeettii garaagaraa osoo qabanii maallaqa dhabaniif qarshii kenuun akkasaan hojii jalqabanif hanga konkolaata isaniif bituuttis namoota jajjabeessaakka ture seenaan jireenyi isaa ragaadham!
Boodarras, qabeenyi Fira’ol Finfinnee keessatti baay’achaa gaafa dhufu, mootummaan Fira’ol sodaachus shakkuus jalqabeem! Raga garaagaraa funaanuunis Iyyata garaagaraa irratti banuu jalqabe! “Qabeenya hanga kana ga’u akkamitti horachuu dandeesse? Ati diina keenya gargaarta, isaan faana hojjetta” jechuun raga sobaatin iyyata irratti dhi’eessuun, mootummaan wayyaanee Fira’ol mana hidhaatti darbatem! Mana hidhaa keessattis ragaa sobaa biraa qindeessun iyyata biraa itti dabaluun hidhaa itti jabeessa dhufan! Dargaggoota 25 olii Fira’ol karaa gubbaa irraa isaan kaasuun gargaaree guddisaa jirus walitti qabdee leenjii waraanaa kennaafi jirta mootummaa irrattii akkasaan diina ta’aaniif isaan guddisaa jirta jechuun mana hidhaa Maa’ikalaawwiiirra gara qaalittitti isa dabarsan! Akkasumas, qabeenya Fira’ol hundumtuu manaaf konkolaata hunda dabalatee tokko osoo hin hafin harka mootummaa akka galu murtessan!
Mootummaan bara sanaa Wayyaaneen qabeenya Fira’ol hundayyuu saamee erga harka galfateen, turtii waggaa tokko booda Fira’ol mana hidhaatii gad lakkisan! Fira’ol mana hidhaati ba’us, hordoffiin mootummaa waan irra hin dhaabbanneef, qabeenya isaa hundas mootummaan harka isaa waan galafateef, biyya Itoophiyaa dhiisee deemuuf dirqame! Jalqabas Itoophiyaa irra gara Dubaatti baqate.
Fira’ol dargaggeessa jabaa waan ta’eef, rakkinaaf takka harka hin laanne! Dubaattis haala hojii mijeeffachuun hojii jalqabe, waan tokko tokko yaaluu itti fufe! Waggaa tokkoffaa fi ji’oota muraasa Dubaay keessa erga tureen boodas, haala mijeeffachuun gara Ameerikaatti qajeele! Fira’ol nama hojii business jabaa dha! Biyyaa kamuu yoo deeme haala biyyichaatti madaquun dafee hojii keessa galuun itti hin ulfaatu! Mootummaan Wayyaanee qabeenya isaa saamee harka duwwatti isa hambisuus, inni garuu osoo abdii hin kutin baqatee, erga Ameerika galeen boodas daandii milkaa’inaa itti fufe!
Ameerikattiis, hojii garaagaraa hojjechuu jalqabe! Hojiiwwan online akka Bitcoinfa hojjechuun doolaara argachuu itti fufe! Akkasumas, manneen duriifi dulloomoo ta’an haaressee hojjachuun gurguruun, maddoota galii gaarii uumachu jalqabe! Akkasumas, konkolaataawwan Truck garaagaraa bitee gurguruun akkasumas ikonkolaataawwan Kanaan hojjechuu caalmatti galii guyyaasa dachaadhan dabaluu danda’e. ! Fira’ol Ameerikattis turtii waggoota muraasa keessatti milkaa’uun ammas abbaa qabeenya ta’e!
Qabeenya biyya keessatti miliyoonaan horatee saamamus , Ameerikatti baqatee, Ameerikaattis jabatee hojjechuun ammas abbaa qabeenya ta’uu danda’e! ! Fira’ol qabeenya qabaachuu caalaa hiyyeessotaaf garaa laafuu dhaan beekama! Warra dhukkubsataniif rakkatan gargaaruu, warra abbaaf haadha hin qabne daandii gubbaa jiranifi ho’uu,abbootiif haadholii umurii dullumaatin rakkatanii beelaan waxalamaa jiraniif dafee birmachuudhan beekamu! ! Yeroo ammaa kanatti, Fira’ol miidiyaalee hawaasaa garagaraa irratti, abbaa qabeenya qofa osoo hin taanee abbaa hiyyeessotaa jedhamuun namoota baay’ee birattii jaalala guddaa argateera! ! Namoota baay’ee qarshii miliyoonaatin gargaareera!
Yeroo maqaan Fira’ol itichaa ka’utti, sammuu namaa keessa kan dhufu waa’ee gargaarsaati! Warra beela’anii waan nyaatan dhabanif, warra mana dhabanii karaa irra bulanif, warra dhukkubsataniia waan ittin yaalaman dhabaniif , warra biyya ormaatti rakkatanii birmanna dhabaniif firaol iticha dursee kan birmatu tokkolle hin jiru! Daa’immani umurii malee rakoon isaan mudate hiriyootasaanii bira abdii kutanii golatti ol debi’aniif abbaa ta’ee hinaafee mallaqa itti dhangalaase kan bareechu; sabaan gandaa osoo hin qoodiin warra rakkatanii gargaarsaaf iyyan hundumaaf ariifate kan birmatu; arjummaaf gaarummasa kana miidiyaan Ethiopian hundumtu wal harka fuudhe kan dubate Firaol iticha dhugumatti nama Ajaa’ibaatim! Waaqayyoo amayyuu umurii dheeraa ha kennuuf! Kana caalattiis abbaa qabeenya guddaa taa’ee namoota baay’ee akka gargaaruuf waaqayyoon ni kadhannaaf! Firaol itichaa waaqayyoo bara ke ha eebisuu sin jennerra!
Fraol Eticha
Fira’ol Abdiisaa was born in the heroic and intellectual-rich region of Finca’a, Western Oromia. He received his early education in his hometown until grade four and then moved to Addis Ababa to continue his studies, eventually graduating from university. While pursuing his education, Fira’ol didn’t limit himself to academics. He ventured into business ideas and steadily grew his involvement in trade.
One of his significant achievements was establishing strong relationships with local and international businesspeople. By preparing compelling business proposals and creating favorable conditions for collaboration, he attracted foreign investors to Ethiopia. Through these partnerships, industries and factories were established, creating extensive job opportunities for both himself and his country.
Thanks to his sharp mind and innovative ideas, Fira’ol quickly succeeded in the business world, amassing wealth worth millions in a short time. He invested in various enterprises, purchased numerous vehicles for his businesses, and significantly increased his income sources. Despite his young age, Fira’ol became a wealthy entrepreneur.
What made Fira’ol stand out from other wealthy individuals was his compassion for the underprivileged. He was deeply committed to supporting orphans and homeless children without discrimination. He provided them with shelter, education, and care, becoming a father figure to many. Additionally, he financially supported individuals with potential but without resources, helping them start businesses or even purchasing vehicles for them. His life’s story bears witness to his extraordinary generosity.
As Fira’ol’s wealth grew in Addis Ababa, his activities began to raise concerns within the government. The ruling regime, suspicious of his success, accused him of collaborating with their adversaries and initiated baseless legal actions against him. Fabricated evidence was used to file charges, leading to his imprisonment. Despite being jailed under false pretenses, the authorities further accused him of training young individuals to overthrow the government, claiming he was fostering rebellion.
Fira’ol was transferred from Ma’ekelawi prison to the notorious Qilinto prison, where his struggles intensified. The government also confiscated all his assets, including his homes and vehicles, leaving him with nothing. A year after his imprisonment, Fira’ol was released but continued to face relentless government surveillance. Stripped of his possessions and freedom, he was forced to flee Ethiopia.
Initially, he sought refuge in Dubai, where he started rebuilding his life, taking on small jobs and exploring opportunities. After spending about a year in Dubai, he moved to the United States. Known for his entrepreneurial spirit, Fira’ol quickly adapted to his new environment.
In the U.S., Fira’ol engaged in various ventures, including online trading like Bitcoin, which helped him generate substantial income. He also began refurbishing and selling old properties and dealing in trucks, significantly boosting his daily earnings. Despite losing his wealth in Ethiopia, Fira’ol re-established himself as a successful businessman in America within a few years.
Fira’ol’s reputation extends beyond his financial achievements. He is widely recognized for his compassion and generosity. He provides financial support to the sick, homeless, and orphans, irrespective of their background. His charitable efforts have earned him admiration and respect across various social media platforms.
Today, Fira’ol Abdiisaa Itichaa is celebrated as not only a successful entrepreneur but also as a philanthropist devoted to alleviating the struggles of the less fortunate. From feeding the hungry and sheltering the homeless to supporting children in dire circumstances, Fira’ol’s legacy is one of kindness and resilience. Many regard him as a symbol of hope and humanity. We pray for his continued success and long life. May he grow even more influential, helping countless others through his unwavering commitment to bettering lives. Fira’ol Itichaa remains a remarkable inspiration—a true humanitarian and a beacon of hope for all!
No responses yet