Maammoo Mazammir(1929-1962)

Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkcc Kuttaaycc, magaalaa Gudarii keessatti, abbaa isaa Mazammir Haabtee Dorii fi haadha isaa Uumee Gurrmeessaa Nagawoo irraa bara 1929 dhalate. Maammon warroomee abbaa ijoollee lamaas ta’uu danda’ect ture.

Barnoota Isaa


Warri isaa hubannoon barnootaf qaban cimaa waan tureef sadarkaa tokkoffaa magaalaa Ambotti erga barate; xumurccn booda, isa itti aanu hordofuuf magaalaa Finfinnee mana barnootaa Tafarii Makoonnin Koollejjii Teeknikaa fi Ogummaa Inxooxxoo keessatti barnootasaa hordofaa ture.

Haala guddinaa


Leenjii barsiisotaa argachuuf Maammonis qormaata calallii darbee Koollcjii Leenjii Barsiisota Hararitti makamuun leenji fudhatee , barsiisummaan hojii isaa jalqabe. Maarnmon barsiisaa Akkaadaamii Leenjii Loltummaa Harnritti wayita barsiisu, cimina hojii isaa irraa kan ka’e dhibbaalaa ta’uun maalummaa lolrurnmaas dhandhamatcera. Hojii isaatin cimaa waan tureef taayitaa Koloncclummaa hamma miseensa raayyaa keessa turctti gonfatccra.Ho_jii isaatin nama cimaa ta’uu isaatin Akkaadamichi carraa barnoota qalamaa kcnnccfii Yunvarsitii Finfinnee sccnun seeran digrii jalqabaatin 1954 ebbifameera.

Gumaacha Oromummaa


Tiyaatira Oromoo isa jalqabaa barrcesscc kan gumaache Maammoo Mazammiri. Afaan Oromoo akka addabaaba’ i itti dubbatamu, aadaan uummatichaa akka odaa fi akka qilxuutti akka dagaaguf onneen barsiisaa ture.

Maccaa fi Tuulamaatti makamuu


Miseensa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ta’uun seenan Oromoo akka ifa ba’u, Afaan Oromoo akka addabaaba’ i itti dubbatamu, aadaan urnmatichaa akka odaa fi akka qilxuutti akka dagaaguf ciminaan afaan guuttatee onneen barsiisaa ture. Maammoo Mazaarnir osoo barnootaaf mooraa Yunversiitii Finfinnee jiruu, Oromoota waliin gurmaa’uun Waldaa Maccaa fi Tuularna jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii jalqabuun akka danda’amu odeeffannoo argate. Yeroo kanarraa jalqabccs barattoota mooraa Yunversiitii finfinnee turan, warren Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makaman keessaa Maammoo Mazaamir isaan hangafa jechuun ni danda’ama

Murtoo Du’aa fi Kabajaa Seenaa Isaa

Gurraandhala 10 bara 1960 uummata siniimaa Ampiir keessatti walitti qabaman irratti boombii darbatee namoota hedduu irratti miidhaa geessiseera jechuun himatamee Gurraandhala 28,1962 murtoon du’aa itti murtaa’e. Himata dharaa ragaa hin qabneen murtii itti murteessuun magaalaa Finfinneetti fannifame.

Jecha Isaa Xumuraa – Abaarraa Kaayyoo Kabajaa Oromummaa
Dhiigni kiyya ulfina Ummata Oro111001 aarsan kan kanfalame malee dhiiga tasa dhangala’ee miti. Dhiiga kiyyaa fi dhiigni Oromoota hedduu fuldurattis dhangala’uun, Oromoon mirga isaa kabachiisun isaa hin oolu.Ani gidiraa kamuu isin irratti hin raawwanne! Ummanni Itiyoophiyaa booru bilisa ba’ee ofiin of bulcha! Qaanii tokko malees afaan isaatin dubbatee seenaa isaa barreeffata! Murtoon isin narratti raga sobaatin fudhattan, ooltee hin bultu! Harka mootii keessan Haylasillaaseefi harka xuraawaa keessan keessa dhiigni kiyyaa fi hawaasa cunqurfamaa irriiba isiniif hin laattu! Bilisa ba’uuf iyyu! Kana ani ija kiyyaan arguu baadhus isinirratti waan raawwatuuf isin garuu ni argitu! Galoon qabsoo cunqurfamootaa booru isin nyaatti! Kan harka keessanii argadhaa!”

Madda kitaaba seenaa gootota oromoof kaan ( Shallamaa Kabbee) fi Haadha warraa isaanii Aaddee Abbabech Galataa irraa

CATEGORIES:

Seenaa Goototaa

No responses yet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Latest Comments